header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Odeeyfannoo

Prezdaant Erdogan Imaabasiin Turkiyaa magaalaa Al-Quds keessatti ni banama jedhe


Prezdaant Rajab Xayyib Erdogaan Imbaasii Turkiyaa kan biyya Falasxiin magaalaa Al-Quds keessatti ni bannaa jedhe. Prezdaanta Erdogaan labsii Ameerikaan baafate hadheeffatanii hoggantoota mormaa jiran keessaa adda dure.
Erdogaan Torbaan dabre keessa Gamtaa biyyoota Islaamaa  magaalaa Istaanbul keessatti walgahii ariifachiisaa yaamuun, Alquds magaalaa guddoo Falasxiin jechuun sagalee guutuun labsuun isaanii niyaadatama.Kanuma hordofuun Sabtii hardhaa Prezdaant Erdogaan “Insha Allah, guyyaan Imbassii Turkiyaa ifattii biyya Falasxiin magaalaa Al-Quds kessatti bannuu dhihoodha”jechuun, ammas muraannoo qabu ifa godhee jira.
Gama biraatiin ammoo Turkiyaa magaalaa Ankaaraa, Paakistaa- Karaachii, Jarman-Barliin  fi biyyoota addunyaa heddu keessatti labsii Traamp magaalaa Al-Quds ilaalchisee baase mormuun hiriiri gaggefamaa jira.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button