header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
EeshiyaaOdeeyfannoo

Haleellaa Boombii Afgaanistaan keessatti raawwatameen yoo xiqqaate lubbuun nama 62 dabruu gabaafame

Haleellaan kun Afgaanistaan naannawa Nangrahar jedhamu keessatti ummata salaata Jum’aatiif masjiida keessa ture irratti kan  raawwatame yoo tahu, namoota 62 battalumatti ajjeefamaniin alattis namni 100 ol kan madaaye tahuu qondaaltonni naannichaa beeksisan.

 

Qondaalli bulchiinsa naannichaa Roytersiif akka himetti, yeroo haleellaan kun raawwatametti yoo xiqqaate namoonni 350 masjiida keessa kan turan akka taheefi , lakkoofsi namoota ajjeefamanii dabaluu akka danda’u beeksise. Balaa kanaan Masjiidichi guutumaan guututti kan jige yoo tahu, namoota jijjigaa Masjiidichaa jalatti awwaalaman lubbuun baraaruudhaaf tattaaffiin kan godhamaa ture tahuus odeeyfannoon ni addeessa.

 

Mootummaan Afgaanistaan balaa kanaaf garee Xaalibaan yakkuun kan balaaleffate tahus, hanga ammaatti qaamni itti gaafatamummaa fudhate hin jiru.

 

 

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button