header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Biiroon Barnootaa Naannoo Tigraay Qajeelfama Barnootaa Sadarkaa tokkoffaa kan hin fudhanne tahuu ibse

Caasaa barnoota haarawa ministerri barnootaa bara dhufu hojjii irra olchuuf baase irratti komii guddaatu ka’a jira. Akkasumas caasicha irratti garaagarummaa guddatu bulchiinsa Biiroo barnootaa naannoolee tokko tokko fi ministeera Barnootaa Federaalaa jidduutti muldhata. 
Naannoolee Caasaa Barnootaa haarawa irratti komii kaasan jidduu, Biiroon Barnootaa Naannoo Tigraay tokko yoo ta’u, Biirichi qajeelfama barnootaa(Roadmap) barnoota sadarkaa tokkoffaa kan hin fudhanne tahu guyyaa har’a ifoomse.

Biiroon Barnootaa Naannoo Tigraay ibsa har’a baase irratti qabxiiwwan caasaa haarawa ministerri Barnootaa baase irra jiran jidduu: Barnoonni Afaan Amaaraa kutaa tokkorraa barsiifama kan jedhu sirrii miti, akkasumas qormaata kutaa 8ffaa sadarkaa biyyoolessaatti akka ilaalamu godhuunis, aangoo heerri mootummaa naannoolee kenne kan cabsu tahu beeksiise.

Akkasumas dhiima kana osoo anga’oonni siyaasaa olaanoon biyyatti irratti mariyatanii yaada hin kenniin hojii irra ooluun sirrii akka hin tahiin ibsame.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button