header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Dararaa fi hidhaan Komaand poostiin hawaasa irratti raawwatu cimee itti fufee jira .

Labsiin yeroo muddamaa eega labsamee asitti Oromiyaa godinaalee heddu keessatti humnoonni mootummaa namootaa ajjeesuu fi madeessuu akkasumas hidhaan cimee itti fufee jira.
Humnoonni Komaand poostii Godina Baalee Aanaa Gaasaraa magaalaa Dambalitti dargaggoota adamsanii hidhuun reebicha hamaa irratti gaggeessaa jiraachuun gabaafame. Magaalaa Danbal keessaa halkan Alhada dabree qofa dargaggoonni 50 ol tahan hidhamuun dararamaa akka jiran gabaasni arganne ni mul’isa.

 

Godina Jimmaa aanaa Limmuu Koossaatti humnoonni Komaand Poostii jiraattota keessattuu dargaggoota mana isaanii keessaa ukkaamsuun mana hidhaa Limmuu Suunxuu keessatti dararaa jiraachuun beekame. Godina Harargee Bahaa Aanaa Qumbii keessatti ammoo, waraanni Makkalaakayaa jiraattota goolaa kan jiran yoo tahu, Sababa sochii Qeerroo gaggeessitan jedhuun naannichatti manneen barnootaa sadarkaa 2ffaa fi qophaa’inaa qaama mootummaatiinn kan cufaman tahuu odeeyfannoon argame ni ibsa.

 

Gama biraatiin ammoo Godina Harargee bahaa magaalaa Qobboo keessattis, Barattoonni manni barumsaa sadarkaa 1ffaa Qobboo guyyaa Isniinaa irraa jalqabee sababaa dargaggoonni gaafa Ayyaantuu Mahammad Shanqoo ajjeefamte Komaand poostin hidhaamanii hangaa bahaanitti barumsa hin barannu jechuun barumsaa dhabbaniiru. Haaluma walfakkaatuun barattoonni manaa barumsaa sadarkaa 2ffaa qobboo kutaa 9ffaa guyyaa Isniinaa irraa eegalani qormaataa fudhachuu kan didan tahuun beekameera.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button