header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Hojiin ijaarsa Masjidoota Magaalaa Istee addaan Cituu Gabaafame

Haleellaa Boombii fi saamicha shororkeessitoonni waggaa dabre keessa naannoo Amaaraa kibba Goondar magaalaa Isteetti raawwataniin, Masjidoonni lama gubatuu fi manneen daldalaa hawaasa Muslimaa magaalichaa hedduun adda baafamanii samichi irratti raawwatamuun ni yaadatama.

Qondaaltoonni naannichaa fi hordoftootni amantaa Kiristaanaa magaalichaa akkasumaas hoggantoonni Majlisa naannichaa maallaqa walitti qabuun Masjidni gubame akka ijaaramu, qamooleen gocha kana raawwatanis seeraaf akka dhihaatan ibsanii turan. Haa ta’u malee hojiin ijaarsa Masjidoota lamaanii deeggarsa dhalattoonni magaalichaa Muslima tahan karaa WhatsApp walitti qabaniin jalqabamuus, hanqina baajataa mudateen hojiin ijaarsa Masjidoota lamaanii dhaabbatuun dhagahame.

Qaamoleen mootummaa, hordoftootni amantaa Kiristaanaa magaalichaa fi Majlisni naannichaa yeroo sanitti “nuutu ijaarsisa! Kun dhimma salphaadha” jechuun akka uwwisa miidiyaa hin arganne dhoorkaa turan. Garuu eega dhimmichi qabbanaa’een booda, ijaarsa Masjidaa fi shoorarkeessitoota kan seeraaf dhiheessu tokkolleen hin argamne.

Daldaltoonni Muslimaa yeroo sanitti qabeenyi isaanii saamamee fi irraa gubame muraasni hojii isaanii haarayatti jalqabuuf kan carraaqaa jiran yoo tahu, gariin immoo hojii dhabuun rakkoof saaxilamanii jiran.

Itiyoophiyaatti, waggoota lama keessatti Masjidoonni 35 gareewwan jibba Islaamaa leellisaniin gubatee jira. Masjidoota gubatan jidduu kan dhihoo baha Goojjaam magaalaa Mooxaatti gubaman 4n dabalatee Masjidoonni 21 naannoo Amaaraatti argamu. Kun hundi kan tahuu danda’eef immoo jiraattoonni naannichaa fi caasaaleen bulchinsa naannichaa gareewwan jibbaa Islaamaa leellisaniin kan qabaman tahuu jiraattoonni himan.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button