header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Waldaan Tokkummaa Ijoollee Waaqoo Guutuu lammiilee buqqifamaniif gargaarsa godhe

Jiilli Ustaaz Haaji Aliyyi Diidootiin durfamu gargaarsa waldaan Tokkummaa Ijoollee Waaqoo Guutuu jedhamu gumaache lammiilee daangaa Somaalee irraa buqqifamanii Godina Baalee aanaa Madda Walaabuu keessatti argamaniif kan geessan tahuu gabaasni naannawa irraa nu dhaqqabe ni ibsa.

Gargaarsi waldaan Kun amma gumaache marsaa lammaffaatiif akka tahes beekkameera. Marsaa duraatiin baasii Birrii 222,000 mana barnoota ijoollee buqqaatotaatiif oolu fi mana kuusaa tokko aanaa Barraaq keessatti kan iaarsise yoo tahu, amma yeroo lammataatiif qarshii 100,000 buqqaatotaaf ijaarsa Masjidaa fi Madarasaaf akka ooluuf kan kennan tahuu gabaasni kun ni ibsa.

Dabalataanis meeshaalee barnootaa keessaa Gabatee Gurraachaa fi chooki kaartona (2) Akkasuma
Daftara (300) qalama (300) ijoollee buqqaatotaatiif geessanii jiru. Haaluma walfakkaatuun waldaan kun Daakuu Kuntaala 20, Paastaa Kaartoona 120 bituun gumaachee jira.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button