header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

“‹”‹Manni Marii Dhimmoota Islaamaa hawaasni muslimaa duula qulqullina naannoo akka biyyoolessaatti geggeeffamu irratti akka hirmaatu dhaamsa dabarse

Muummichi ministeera Dr Abiy Ahmad affeerraa Ifxaaraa torbe dabre qopheesse irratti, manni marii dhimmoota Islaamaa duula qulqullina naannoo Alhada dhufu akka biyyoolessa geggeeffamuuf ummataa dhaamsa akka dabarsu gaafatee ture. Haaluma kanaan hogganaa Mana Marii Dhimmoota Islaamaa kan tahan Muftii Haaj Umar Idiriis, ummanni muslimaa fi hordoftoonni amantaa birootis duula qulqullina naannoo Alhada boruu Caamsaa 11/2011 geggeeffamu irratti bahee akka hirmaatu dhaamsa dabarsan.

Muftii Haaj Umar Idiriis dhaamsa isaanii kanaan, “qulqullina keenya akka eeggachuu qabnu qur’aana irratti labsamee jira, mana ofii qulqulleessuun, meeshaa ofii qulqulleessuun, naannoo ofii qulqulleessuun kabajaa fida, qabeenya fida, akkasumas qulqullina dhabuun ammoo hiyyummaa fida, salphina fida, kanaafuu nu hundi naannoo keenya akka qulqulleessinu”jedhan.

Muftii Haaj Umar Idiriis naannawa keenya qulqulleessuu cinatti, Keessi keenyas qulqulluu tahuu qabas jedhan.

“Amantaan keenya Ilmi nama keessoon isaa hisdii, jibbaa fi waanyoon yoo xuraa’e, qulqullinni alaa inni godhu faayidaa tokkollee kan hin qabne tahuu nu barsiisa, kanaafu wal jibbaa, hisdii fi gochoota hamaa tahan irra of qulqulleessinee tokkummaa jabeeffannee biyya misoomsuu irratti akka jabaannu dhaamsa dabarfadha”Jedhan.

 

3 Comments

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button