header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooUSA

Ameerikaan mootummaa Venezweelaa irra uggura keesse

Prezdaant Donaald Traamp qabeenya mootummaan Venezweelaa Amerikaa keessaa qabu hundi akka hin sochoone ajaja kan dabarse yoo tahu, kunis tarkaanfii bulchiinsi Traamp mootummaa Nikolaas Maduroo irratti fudhate keessaa isa jabaa tahuu ibsame.

Ajajni Traamp kaleessa galgala dabarse, qabeenyi mootummaan venezweelaa Amerikaa keessaa qabu hundinuu akka iddoo tokko irraa gara iddoo biraatti hin sochoone, gara maallaqatti akka hin jijjiiramne fi akkasumas haala kamiinuu akka hin geeddaramne  jedha.

Uggura Bulchiinsa Traamp Kana ilaalchisee hanga ammaatti mootummaa Venezweelaa irraa deebiin kenname hin jiru.

Ameerikaan hogganaa mormituu Venezweelaa deeggaruun, Prezdaant Nikolaas Maduroo aangoo akka  gad lakkisuuf  dhiibbaa gama dinagdee fi diploomaasii godhaa kan jirtu tahuun ni beekama.

 

 

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button