header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Paartiileen Siyaasaa Oromoo hala yeroo irratti marii geggeessaan

Marii mata duree “Tokkummaan Ce’umsa gara Sirna Dimookraasii”jedhuun guyyaa har’aa galma giddu gala Aadaa Oromootti geggeeffame irratti, Paartiileen siyaasaa Oromoo 14 kan hirmatan tahuun beekameera. Mariin kun cee’umsa gara dimokraasii fi haala qabatamaa naannoo Oromiyaa irratti kan xiyyeeffate tahuu odeeyfannoon ni addeessa.

 

Marii kana  Aktiiviistoonni, hoggantooni paartiilee fi hayyoonni kan irratti hirmaatan yoo tahu, Paartiileen Siyaasaa Oromoo rakkoollee nageenyaa mul’aatan hiikuu irratti waliin hojjatuu, dadhabina gama Siyaasaan jiru furuuf  walii tumsuu fi  diinagdee biyyaa cimsuu irratti waliin hojjatuuf kan walii galan tahuu gabaafame.

 

Itti aanaa Hogannaa PDO fi Prezdaantiin mootummaa naannoo Oromiyaa Obbo Lammaa Magarsaa, yeroo ce’umsaa biyyattiin  kanatti biyya kana osoo hin diigamin akka biyyaatti itti fufsiisuuf, dhaabbileen Siyaasaa Oromoo wal deeggaruun hojjatuu qabu jedhe.  Akkasumas mootummaan hanga ammaatti rakkoo naannicha keessatti muudataa jiru tasgabbeessaa ture malee,  gaafii ummataatiif deebisaa kennuu kan hin eeggalin tahuus dubbate.

 

Hiriira dhiheenya kana Magaaloota Naannoo Oromiyaa keessatti geggeeffamuaa jiru ilaalchisee obbo Lammaa Magarsaa akki jedhe, “gaafiin ummanni kaasaa jiru sirriidha, haata’u malee rakkoo uumame eenyutu raawwataa jira kan jedhu beekunis barbaachisaadha”jedhe.

 

Dhuma irrattis Paartiileen Oromoo kunniin, mootummaan ol’aantummaa seeraa akka kabajsiisuu,  akkasumas Isaanis gahee isaan irraa eegamu bahuuf walii galaanii jiru.

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button