Paartichi kora isaa 12ffaa guyyaa shaniif magaalaa Baahir Daaritti geggeessaa ture har’aa goolabe. Paartiin ADP kora isaa kana irratti hoggantoota koree jiddu galeessaa haarawa filuun, akkasumas hoggantoota buleeyyii duraanii immoo geggeessee jira.
Related Posts
Haaluma kanaan itti aanaan Muummicha Ministeeraa Obbo Dammaqa Makonnin dura taa’aa paartichaa, prezdaantiin naannoo Amaaraa Obbo Gadduu Andaargaachawu immoo itti aanaa dura taa’aa paartii Dimokraatawaa Amaaraa tahuun filataman.
Dhuma irrattis Korri dhaabbatichaa kun ibsa ijjannoo baasuun goolabamee jira.