header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Godina Gujii Bahaa Aanaalee heddu keessatti ummanni mormii geggeessaa jira

Godina Gujii bahaa Aanaalee Adoolaa, Harqalloo, Shaakisoo magaalaa Haya Diimaa fi magaalota naannawa sanii kanneen biroo keessatti hiriirri mormii gaggeeffamaa jira. Hawaasni naannichaa Keemikaalli warshaa MIDROC GOLD MINE jedhamu keessaa bahu naannawa irratti midhaa hamaa akka dhaqqabsisse fi namaa fi beeyladootni dhibeewwan faalama bishaanii fi qilleensaa irraa dhufaniin kan dararamaa jiran tahuu ibsuun mormii isaanii dhageessisaa jiru.

Dhaabbanni Midroc waggoota diigdamman dabraniif qabeenya Albuuda naannichaa dhuunfatee haala hawaasa naannichaa miidhuun, warqii, meetii fi albuudawwan biroo oomishaa ture. Hayyamni naannichatti Albuuda oomishuu dhaabbatichaaf kenname bara dabre kan dhumate yoo tahu, komii ummatni yeroo dheeraaf dhageessisaa ture moggatti dhiisuun mootummaan Federaalaa hayyama dhaabbatichaaf dhoksaan haaromsuun isaa eega saaxilameen booda guutuu Oromiyaa keessatti qeeqa guddaa kaase. Kanuma hordofuun ganama hardhaa mormiin cimaan Godinichatti kan ka’e tahuun beekameera.

Miseensi hooggansa paartii Kongrasii Federaalistii Oromoo Obbo Addisuu Bullaallaa akka ibsetti, Aanaa Dugdaa Daawwaa magaalaa Fincaawaa keessatti poolisiin Oromiyaa ummata hiriira bahe irratti dhukaasuun nama sadi kan madeessan tahuu beeksise

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button