header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooUSA

Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii labsii Traamp Al-QUDS magaalaa guddoo Isra’eel jechuun dabarse kuffise

Dhabbanni Mootummaa  Gamtoomanii labsii Prezdaantiin Ameerikaa Doonald Traamp Magaalaan Al-QUDS “magaalaa guddoo Isra’eel” jechuun dabrse wixinee mormu  irratti biyyoonni miseensa tahan sagalee  akka  kennan kora waliigalaa Ariifachiisaa yaame. Haalumaa kanaan sagalee Khamiisa har’aa kennaniin sagalee caalmaa taheen labsii Traamp kuffisan.
Biyyoonni 128 labsii Traamp mormuun sagalee kan kennan yoo tahu, Ameerikaa fi Isra’eel  dabalatee biyyoonni 9 deeggaruun sagalee kennataniiru. Biyyoonni labsii Traamp deggaraan, Ameerikaa, Isra’eel, Toogoo, Na’uruu, Gu’atimalaa, Pala’uu, Maarshaal Island fi Honduraas tahuun beekameera.

Prezdaantiin Ameerikaa dhimmaa Alquds ilaalchisee kora waliigalaa UN irratti biyyoota  murtii Ameerikaa mormuun sagalee kennan adda baafannee, gargaarsa kenninuuf irraa dhaabna jechuun isaa ni yaadatama.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button