Makkalaakayaan ajjeechaa naannoo Amaaraa keessatti raawwatameen wal qabatee dogongora yoo hojjate, ummata dhiifama gaafatee miidhamtootaafis beenyaa kan kaffalu tahuu beeksise
Walitti bu’iinsa guyyaa lama dura naannoo Amaaraa godina lixa Goondar magaalota Gandawuhaa fi kookit jedhamanitti Rayyaa ittis biyyaa fi jiraattota jiddutti uumameen lubbuun nama hedduu dabruu fi namni heddu ammoo miidhamuu gabaasuun keenya ni yaadatama.
Ajjeechaa kana hordofuun jiraattonni naannichaa raayyaa ittisa biyyaa balaaleffataa kan turan yoo tahu, qondaaltonni makkalaakayaa gama isaaniitiin ajjeechaan kun balaa ofirraa ittisuuf tarkaanfii fudhatameen kan muudate tahuu beeksisan.
Raayyaa Ittisa Biyyaatti Itti Aanaa Itaamaajoorii fi Hoogganaan qajeelcha duulaa Jeneraal Birhaanuu Juullaa ibsa guyyaa hardhaa miidiyaalee kenneen, balaan kun gadi fageenyaan kan qoratamaa jiru tahuu ibsuun, badiin kan Raayyaa Ittisa biyyaa yoo tahe ummata dhiifama gaafachuun, miidhamtootaafis beenyaan kan kaffalamu tahuu ibse.