header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
AfrikaaOdeeyfannoo

Mormiin ummataa ji’a shan dura mootummaa Suudaan irratti jalqabame akkuma itti fufetti jira

Prezdaantiin Suudaan Umar Al-Bashiir mormii ummataa biyyattii keessatti hammaataa dhufe hordofuun, filannoo bara dhufuu booda taayitaa prezdaantummaa kan lakkisu tahuu ibsuun isaa ni yaadatama. Haata’u malee lammiileen biyyattii Prezdaantichi ammuma taayitaa gad lakkisuu qaba jechuun mormii jalqaban itti fufanii jiru.

Haaluma kanaan Sabtii dabre irraa jalqabee lammiileen biyyattii maagaalaa Khaartuum Waajjira ministeera Ittisa duratti mormii kan geggeessaa jiran yoo tahu, guyyaa afran dabran qofa humnoonni mootummaa mormitoota irratti tarkaanfii humnaa fudhataniin yoo xiqqaate  namoota 22 kan ajjeessan tahuu Aljaziiraan gabaase.

 

Mormiin  baatii shan dura qaala’iinsa jireenyaa biyyattii keessatti hammaataa dhufeen jalqabame, gara gaaffii siyaasaatti ol guddachuun ummanni Suudaan prezdaant Umar Al Bashiir taayitaa akka gad lakkisu kan gaafataa turan yoo tahu, mormii kanaan wal qabatee lammiileen biyyattii 60 ol humnoota mootummaatiin kan ajjeefaman tahuu odeeyfannoon arganne ni mul’isa.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button