header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
AwrooppaaOdeeyfannoo

Paarlaamaan Denmark seera Niqaaba uffachuu dhoorku raggaasise

Wixineen seeraa Mootummaa Denmarkiin  qophaayee  Khamisa har’aa  Paarlamaan raggaasifame kun August 1/2018 irraa jalqabee hujii irraa kan oolu tahuun beekameera. Labsiin seeraa Kun dubartoonni Niqaaba Uffatanii iddoowwaan hawaasummaatti akka hin argamne kan dhoorku yoo tahu, dubartoota Niqaaba uffatan irrattis adabbiin Kaayamee jira.Haaluama kanaan Poolisoonni biyyattii dubartii Niqaaba uffatte akka mulqattu ajajuu mirgi kan kennameef yoo tahu, yoo didde ammo iddoo hawaasummaatii dirqisiisanii akka ari’aniif hayyamameera. Kana malees adabbii Maallaqaa hanga doolara 1600 akka adabaman labsame.

Seerri Deenmaark guyyaa har’aa raggaasifte kun gamanumaa mormiin cimaan irratti ka’aa jira. Zeeynab Husseen lammii Denmark Magaalaa Kopenhagen keessaa jiraattu yoo taatu, Yaada Rooytarsiif Kenniteen ” Kana booda mana barnootaas tahee maatii kiyya waliin Niqaaba uffadhee manaa akka hin baaneef narratti murtaaye. Murtiin jibbaa Islaamummaa irratti murtaa’e kun sirrii miti. Anis gonkuma Niqaaba mulqachuuf qophii miti”jette.

Haaluma walfakkaatuun Amnesty International dabalatee seera Denmark baafte , ” seerri kun  namoonni huccuu barbaadan akkasumas kan eenyummaa isaanii mul’isu  akka hin uffanne kan ugguru”jechuun mormii isaanii dhageessisaa jiru.

Biyootni Awurooppaa heddu Niqaabni akka hin uffatamneef seera baasanii hujii irra oolchaa jiru. Biyyoota kanaan dura seera walfakkaataa baasan jidduu Faransaay, Beeljiyeem, Neezarlaand, Bulgaariyaa fi Kutaa biyya Jarman kan taate Bavaariyaan keessatti argamu.

Deenmaarka Niqaaba Uggurte

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button