header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Odeeyfannoo

Dhaabbanni Basaasa Israa’eel ogeessa Xayyaara Droonii jalaa ajjeesuu gareen Haamaas Beeksise.


Hamaas ibsa Khamiisa har’aa Tuuta Gaazexeessitootaatiif kenneen, Ogeessa Xayyaara Droonii isaa Kan ture Muhaammad Zawahri, Dhaabbata Basaasa Isra’eeliin kan ajjeefame tahuu beeksise. Qondaalli waajjira Siyaasaa Hamaas Muhaammad Nazzaal ibsa Magaalaa Beeyiruut keessatti kenneen, Ogeessa droonii Hamaas kana dhaabbanni basaasa Isra’eel, Mosaad, hordofaa kan ture tahuu hubanneerra jedhe.
Ibsi Hamaas akka mul’isutti, namni Paasipoortii Boosniyaa qabate tokko, ogeessa kana Tuniiziyaa keessatti December 2016 osoo hin ajjeesiniin dura, ji’a afuriif hordofaa kan ture tahuu qorannoon adeemsifame kan mul’ise tahuu beeksise. Muhammad bara dabre Lubnaan magaalaa Beeyiruut irraa gara Tuniiziyaa maatii ziyaaruuf yeroo deemetti rasaasaan rukutamuudhaan kan ajjeefame.


Muhaammad Zawaaharii lammii Tuniiziyaa yoo tahu, osoo gara Hamaas hin makaminiin dura Tuniiziyaa keessatti Paayileetii akka turee fi erga gara Hamaas makamee booda Xayyaara droonii jedhamtu tan Paayileetii maleebalaliituu, Beeyruut keessatti Hamaasiif oomishaa akka ture gabaasni arganne ni mul’isa.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button