header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Gandoota godina Arsii Lixaa gara garaatti namoonni 109 dhukkuba Koleeraan qabaman

Magaalaa Shashamannee dabalatee gandoota godinichaa hedduu keessatti, rakkoo bishaan dhugaatii qulqulluu yeroo dheeraaf jiru hordofuun, namoonni hedduun dhukkuba Koleeraan qabamuu gabaafame.

Dhibeen kun gandoota aanaa Shashamannee 12 keessatti kan argame yoo ta’u, gandoota akka Aleeluu Iluu, Buttee Fillichaa fi Faajii Goobaa keessatti kan hammaate ta’uu odeeyfannoon fula fesbuka Waajjira dhimmoota Komunikeeshinii godinichaa irraa argame ni mul’isa.

Waajirri dhimmoota Komunikeeshinii godina Arsii Lixaa, Itti aanaa waajjira Eegumsa Fayyaa godinichaa Obbo Girmaa Yaazow waabeffachuun, godinichaatti namoonni 109 dhibee kanaan qabamanii kan turan tahuu fi isaan jidduu namoonni 67 tajaajila yaalaa argatanii fayyanii gara manaatti galuu, Akkasumas Namoonni hafan immoo giddugala tajaajjli yaala dhibee koleeraa itti kennamu(CTC) keessatti kophaatti tajaajila argataa jiraachuu gabaafame.

Dhabamuun bishaan dhugaatii godinichaa keessa jiru, dhibee kana kan hammeesse tahuu odeeyfannoon ni addeessa.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button