OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa
Waraanni Makkalaakayaa Magaalaa Jimmaa Keessatti ummata irratti dhuukaasuun gabaafame.
Guyyaa hardhaa ummanni magaalaa Jimmaa fi naannawa isii namoota hidhaa irraa lakkifaman Siimatuuf iddoo adda addaa irra waliitti dhufuun Istaadiyoomii magaalaa Jimmaa Keessatti sirna simannaa geggeessaa oole. Eega sagantaan simannaa kun xumuramee booda waraanni Makkalaakayaa Kampii Miraab Izz keessa ture kaampii gad bahuun dargaggoota gara Aggaarootti deebi’aa turan irratti dhukaasa baneen, namoonni 11 tahan kan mada’aan tahuu odeeyfannoon naannawa irraa arganne ni mul’isa.