header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Makkalaakayaan daangaa Naannoo Somaalee fi Oromiyaa keessatti hujii too’annoo fi tasgabbii jalqabuu beeksise.

Ministeerri Ittisa Biyyaa Obboo Mootummaa Maqaasaa ibsa guyyaa har’aa kenneen, “ajaja muummichi ministeeraa Dr Abiy Ahmad dabarse hordofuun, raayyaan Ittisaa iddoowwan rakkoon nageenyaa uumame keessatti hujii tasgabeessuu eegalee jira”jedhe. Liyyuu poolisiin naannoo Somaalee torbaan dabre keessa weerara geggeessa ture hammeessuun lubbuun namoota hedduu dabruunii fi qabeenyi heddu barbaadaayuu ni beekama.

Ministeerri Ittisaa ibsa isaa kanaan, “torbee darbe haala adda ta’een Boorana, Mooyalee, Haraargee Bahaa fi naannolee birootti rakkoon nageenyaa mudateera”jedhe. Qaama walitti bu’iinsa kana duuba jiru adda baasuun ergama isaa kan raawwatu ta’uu ibsuun, naannoleen rakkoon keessatti muudate yeroo dhiyotti gara tasgabbiitti kan deebi’an ta’uu hime.

Muummichi ministeeraa Dr Abiy Ahmad, walitti bu’iinsa daangaa naannolee Oromiyaa fi Somaalee keessatti hammachaa dhufe dhaabsisuuf raayyaan ittisa biyyaa jidduu seenee akka too’atu kaleessa ajaja dabarse. Dr Abiy ibsa televiziyoonaan kenneen “hooggantoonni naannoolee lamaanii walitti bu’iinsa daangaa nannolee isaanii irratti babal’ate kana, makkalaakayaan jidduu seenuun akka too’atu waliigalaniiru”jedhe.

 

 

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button