header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Magaalaa Gimbiitti Du’aatota 250 tahaniif leenjiin diinii kennamaa jira

Godina Wallaggaa Lixaa magaalaa Gimbii masjiidal-Fathi keessatti, du’aatota 250 tahan kannen godinaalee Bunoo Baddallee,Wallaggaa Lixaa,Wallaggaa Bahaa fi Qeellam Wallaggaa irraa dhufaniif, leenjiin  kennamaa jiraatu odeeyfannoon ni addeessa.

Hirmaattota leenjii kanaa jidduu Godina Wallaggaa lixaa magaalaa Qilxuu Kaarraa keessatti Imaama kan tahan Sheikh Muhammadamiin Alii yaada bilbilaan nuuf kennannin, leenjii kun iddoowwan laafinni diini mul’atutti,  du’aatonni akkamiitti akka barsiisuu qabnii fi dhimmoota biroo diiniin walqabatan irratti kan xiyyeeffatu tahuu nuuf himan.

Leenjiin kun hawaasa muslimaa magaalaa Gimbiitiin kan qophaaye akka taheefi,  Ulamaa’a guddaa  biyya keenyaa  kan tahan Doktor Jeyilaan Khadiiriin kan kennamaa jiru tahuus odeeyfannoon ni addeessa.  Leenjiin du’aatotaa guyyaa hardhaa jalqabame hanga Khamiisa iftaanii kan itti fufu tahuus beekameera.

 

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button