header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Hojjattoonni Daandii Xiyyaara Ityoophiyaa 36 tahan seeraan alatti hujjii irra aari’amne jedhu

Hojjatoonni dhaabbatichaa dalagaa irraa ari’aman kunniin akka jedhanitti, hoogganatoonni Daandii Xiyyaara Itoophiyaa, dhalattoota Saba Oromoo fi Amaaraa tahuu keennaa qofaaf addatti nurratti xiyyeefatuun karaa seeraan ala taheen hujii irraa nu ari’an jechuun himatan. Itti gaafatamaan dhibbaa addaa kana isaan irraan gahe hoogganaa Dhaabbata Daandii Xiyyaara Itoophiyaa Obbo Tawolde Gabramaariyam tahuu hojjataan dhaabbaticha irraa ari’ame tokko nuuf hime.

Akka hojjataan kun jedhutti:
“Tarkaanfiin nurratti fudhatame kun ulaagaa seeraa kan guutee miti. Mana murtii dabalatee qaamota mootummaa dhimmi ilaallatu hundaaf iyyaannoo dhiheefannus, furmaata tokkollee argachuu hin dandeenye, inumaayyuu doorsisatu nurra gahe. Nu jidduu namni waggaa 30f dhaabbaticha tajaajilaa ture ni jira, kan maatii heddu qabu ni jira, hardha kunoo maatiin keenya nurraa bittinnaa’aa jiru. Hojjataan saba hoogganaa kanaa irraa tahe badii raawwate yeroo 6 ol ari’amee ture hojjitti deebifamee jira. Nuti immoo badii tokko malee sababa eenyummaa keenyaatiif ari’aamnee maatii keenya waliin rakkoof saaxilamnee jirra”jechuun nuuf hime.

Hojjattoonni dhaabbatichaa kunniin jijjiirama Siyaasaa biyya keessa jiru kana abdachuun iyyannoo isaanii hanga waajjira Muummicha ministeeraatti dhiheeffatun deebisaa eeggataa kan jiran yoo tahu, mootummaan gocha seeraan alaa isaan irratti raawwatame kana hubatee tarkaanfii sirreeffamaa hatattamaan akka isaaniif kennu gaafatanii jiru.

 

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button