header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Odeeyfannoo

Sirni Awwaalcha Kolonel Haaj Aliyyii Cirrii raawwatame.

Sirna Awwalcha Kolonel  Haaj Aliyyii Cirrii Aanaa Maddawalabuu, ganda Maddaatti  geggeeffame irratti,qondaaltonni mootummaa fi  keessummoonni  godinaalee Oromiyaa adda addaa irraa dhaquun irratti argamaniiru.

Sirna Awwaalchaa dura Salaatul-Janaazaa isaan  irratti salaatuuf janaazni gara masjiida kan geeffame yoo tahu, bay’inna ummataa irraa kan kahe yeroo lama kan irratti Salaatame tahuus maddeen keenya naannawa irraa nuuf gabaasaniiru.

Koloneel Haaj Aliyyii Cirrii nama ibaadaa irratti cimaa tahaniif, Umrii dargaggummaa isaanii irraa kaasee sirnoota mootummaa Abbaa irree dura dhaabatuun ummata isaaniif falmaa kan turan tahuun ni beekama.

Nuutis maatii fi firoottan isaanii akkanumas Saba isaaniitiif Rabbiin Sabrii isinii haakennu jechaa, Koloneel Haaj Aliyyii Cirrii ammoo Rabbiin Jannataan isaan haaqananiisu.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button