header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
AfrikaaOdeeyfannoo

Dhaabbatni Fayyaa Addunyaa Dhibee Eboolaa Koongoo Keessatti babal’achaa dhufe irratti mari’achuuf walgahii ariifachiisaa yaame

Dhibeen Eboolaa kan bara 2014-2016 biyyoota Lixa Afrikaa keessatti lubbuu namoota hedduu galaafatee ture, ammaas Ripaablika Dimokraatawaa Koongoo keessatti babal’achaa kan jiru tahuu Dhaabbatni Fayyaa Addunyaa, WHO’n beeksise. Akka gabaasa dhaabbatichaatti hanga ammaattis namoonni 44 akka qabamanii fi 23 ammoo du’anii jiru.

Dhibeen Kun magaalaa qarqara Laga Koongoo irratti argamtu tan Mabandakaa jedhamtu keessatti jalqaba kan mul’ate akka tahee fi gara magaalaa gudditti biyyattii Kinshaasaa ni tamsa’a sodaan jedhu kan jiru tahuu gabaasni arganne ni ibsa. Dhaabbata Fayyaa Addunyaatti Daayirektarri Itti Aanaan tarkaanfii Hatattamaa, ibsa kenneen “magaalattiin dhibeen keessatti babal’ate daangaa biyyoota ollaa irratti kan argamtu waan taheef, Keessumayyuu dhibeen kun salphatti gara Koongoo Biraazaaviilitti babal’achuu danda’a”jechuun akeekkachiise.

Kanuma hordofuun WHO’n walgahii ariifachiisaa kan yaame yoo tahu, walgahii kanaan labsiin Fayyaa yeroo muuddammaa irratti Xiyyeeffatuu fi dhibee babal’ataa jiru kana too’achuuf tarkaanfiin fudhatamuu qabu kan murtaayu tahuu ibsi dhaabbatichi baase ni addeessa.

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button