header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Og-Barruu

Dalagaawwan Guyyaa Arafaa Jaalatamoo tahan jidduu Sadi

Guyyaan Arafaa guyyaa 9ffaa Ji’a Zulhijjaa yoo ta’u, guyyaan kun Guyyaa Gabroottan Rabbii dirree Arafaatti bahanii Rabbii Isaanii kadhatan, guyyaa Ararama itti gaafataniidha.
Guyyaan Arafaa guyyaa Rabbiin Gabroota Isaatiif Islaamummaa file, guyyaa Islaamummaa itti guute. Guyyaa Rabbiin Gabroota isaatiif itti Araaramuudha. Guyyaan kun guyyaa akkaan jabaa, guyyaa dalagaan Kheeyrii keessaatti dalagamu.
Dalagaawwan guyyaa kanatti jaalatamoo tahan 3, Isaaniis Soomana, Zikrii fi Du’aa’ii.

Ergaman Rabbii  Akka jedhe
“Du’aa’iin Du’aa’ii cufa caaltu, Du’aa’ii guyyaa Arafaati”

arafat-dua.jpg

Akkasumas Nama guyyaa kanatti Soomane ilaalchisee Ergamaan Rabbii    :
“Nama guyyaa Arafaa Soomane Rabbiin badii didiqqoo inni waggaa darbe dalagee fi akkasumas kan waggaa itti aanuu ni araaramaaf”jedhe.

temir

 

Zikriiwwan guyyaa kana heddummeeffamuu qaban:

Subhaan Allaah
Alhamdulillaah
Laa ilaaha illa-Allaah
Allaahu Akbar
Laa ilaaha illa-Allaahu, wahdahuu laa shariika lahuu, lahul mulku wa lahul hamdu, wa huwa ‘alaa kulli shayy’in qadiir.
Guyyaan Akkaan jabaa kun guyyaa boruuti. In shaa ALLAAH guyyaa kanati akka fayyadamnu Isiniif dhaamna.

Muslim prayer at holy mosque

4 Comments

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button