header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Og-BarruuTana Quba Qabduu

Ajaa’iba Baruumsaan Wal Qabatu

Barnootni bu’uura waa hundaati. Namni barate waan dalagu beeka. Barumsi hawaasa tokko qaree qaroomsuu dandaya. Hiyyummaa keessaa baasee duroomsa. Doofummaa irraa mulqee hayyoomsa. Kana tahuudhaaf garuu baruumsi sun baruumsa dhugaa tahuu qaba. Baruumsa sammuu namaa fayyadu, kan hawaasaaf bu’aa buusu tahuun dirqama. Waggoota dhihoo asitti biyya teenya keessatti qabxii barattoota kutaa 12ffaatiin walqabatee qabxii barattootni galmeessan wayta arginu, heddu nu rifachiisuun isaa hin oolamu. Qabxiin baruumsa garii haalaan ol ka’ee kan garii ammoo haalaan gad bu’uunsaa, namoonni hedduun akka irratti mari’ataniif karaa saaqeera. Namni gariin mudannoo dhiheenya kanaa kana hannaan wal qabsiisee irraa haasawa.

 

Hanni baruumsaan wal qabate haalaan hamaadha. Dhaloota boruu miidha. Qoruumsi hatame biyya diiga. Ummata tokko balleessuun yoo barbaachise, waraanaan itti duuluun bu’aa hin qabu. Qulqullina barnootaa gad buusuun gahaadha jedhama. Waraanni nama muraasa ajjeesee, garii ammoo xiiqessee (Dallansiisee) boru haaloof (hijaaf) akka ka’an taasisa. Baruumsi qulqullina hin qabne garuu hawaasa guutumatti kuffisa. Hawaasa ofirratti du’aa oomisha. Kanaaf biyyoonni hedduun baruumsaa fi hanna qorumsaan wal qabateef seera garagaraa baasan. Kan adabbii hamaan adabanis ni jiru. Fakkeenyaaf Chaaynaa keessatti namni qoruumsa hatee qabame, hidhaa waggaa 7tiin adabamuu mala. Kana qofaan hin dhaabbatu. waggaa sadihiifis qoruumsa kamuu akka hin qoramne dhoorkama. Walumaa galatti namni kun waggaa 10f baruumsarraa fagaatee jiraata. Waa’ee hanna qoruumsaa eega hagana jennee, mee qabxiiwwan barnootaan wal qabatan kan ajaa’ibaa muraasa haa ilaallu.

 

Ameerikaa keessatti namoota yakka dalaganii hidhaman keessaa, parsantii 70 warri tahan warra barreessus tahe dubbisuu hin dandeenyeedha. Barattoonni baruumsa isaaniirratti laafoo tahan osoo kutaa 3 fi 4 bira hin dabrin keessaa bahuun yakka garagaraarratti hirmaatu. Doofummaan kunis namoonni gara yakkaatti akka makaman taasisaara.

 

Guyyaan baruumsi itti jalqabu biyyoota gargaaraa keessatti garaagarummaa qaba. Kan biyyoota garii ammoo ajaa’iba. Fakkeenyaaf Hoolaand keessatti daa’imni tokko waggaa 4 guunnaan mana baruumsaa geeffamuu qaba. Hubadhaa! waggaan afur guyyaa itti dhalaterratti hundaa’a. Fulbaan tokko eeganii osoo hin taane, arras waggaa 4 guunnaan mana baruumsaa seenuun dirqama. Kanaafuu guyyaa hunda barataan tokko mana baruumsaa ni dhaqa jechuudha. Daa’imni hundi guyyaa waggaa afur itti tahe sanitti mana baruumsaa dhaqa. Fiinlaand keesatti ammoo daa’imni wayta waggaa 7 guutu mana baruumsaa geeffama. Yeroo kanatti galmaayee gara mana ofii deebi’a. waggaa tokko booda wayta waggaa 8 guutu baruumsa jalqaba. Kanaafuu daa’imni keessan baruumsa akka isinii jalqabu yoo barbaaddan dursitanii waggaa tokko dura galmeessisuu qabdan. Raashiyaa keessatti ammoo baruumsi September 1 jalqabama. Guyyaan kun guyyaa beekumsaa jedhamuun beekkama. Guyyaan kun akka guyyaa addaatti laallama. September 1 guyyaa alhadaa ykn guyyaa Ayyaanaatis tahu, barumsi ni eegalama.  Yoo akka tasaa tahee September 1 guyyaa ayyaanaa irra oole, ayyaanni sun ni hafa, barumsi garuu Abadan hin hafu.

 

Seenaa dachii tanaa keessatti mana baruumsaa xiqqicha jedhamuun kan beekkamu mana baruumsa Sadarkaa duraa Alpette kan biyya Itaalii keessatti argamuudha. Manni baruumsaa kun bara 2014tti waggaa guutuu barattuu takka qofa barsiisaa ture. Magaalaan xiqqoon Alpette jedhamtu tun jiraattota heddu waan hin qabneef, akkasuma barataas heddu hin qabdu. Barattuun waggaa guutuu kophaa isii barataa turte tun intala waggaa saddeetii tan Soofiyaa Viyoolaa jedhamtuudha. Barsiistuun waggaa guutuu isii barsiisaa turte ammoo Izaabeelaa Kaarveelii jedhmati. Soofiyaan oolmaa daa’immanii xumurtee kan gara mana baruumsaa dhufte yoo tahu, bara 2013tti barattoonni biroo 4 isii wajji mana baruumsaa san keessa turan. Haa tahu malee baruumsa isaanii sadarkaa duraa kan haga kutaa 4ffaa jiru waan xumuraniif gara mana baruumsa biraa cehan. Isiin ammoo kophatti hafuuf dirqamte. Bara itti aanu jechuunis bara 2015tti ijoolleen biroo oolmaa daa’immanii xumuruun gara isii dhufanis, isiin garuu bara 2014 waggaa guutuu kophaa isii xumuruuf dirqamte.

 

Mana baruumsaa guddicha jedhamuun kan beekkamu ammoo isa biyya Indiyaa magaalaa Lucknow keessatti argamuudha. Manni baruumsaa kun City Montessori School(CMS) jedhamuun bekkama. Manni baruumsaa kun yeroo ammaa kana barattoota 55,000 ol keessumeessurratti argama. Hubadhaa Yunivarsiitii miti, mana baruumsaati. Manni Baruumsaa kun bara 1959tti liqaa mallaqa Indiyaa Ruppii 300’n barattoota shan qofa qabatee kan hundeeffame yoo tahu, Arra garuu mana baruumsa guddicha dachii tanaa taheera.

 

Biraazil fi Faransaay keessatti yeroon laaqanaa qaama kaarikulamii barnootaati. Sa’aan laaqanaa akka sa’aa boqonnaatti osoo hin taane, akka baruumsa tokkotti xiyyeeffannaan itti kennama. Fakkeenyaaf Braazil keessatti baruumsi ganama saa’aa torba yokaan tokkotti jalqaba. Kunis saa’aa laaqanaatiif yeroo gahaa kennuuf yaadamee kan karoorfameedha. Faransaay keessatti ammoo ijoolleen yeroo laaqanaa saa’aa lamaaf waa’ee soorataan walqabate barsiifamu. Akkaataa soorannaa fi adaba soorataan wal qabate eega barsiifamaniin booda laaqana isaanii sooratan.

 

Qophii: Abu Ibtisaam

Back to top button