header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
EeshiyaaOdeeyfannoo

Gareen Mirga Namoomaatii Falmu, Human Right Watch, biyyoonni meeshaalee waraanaa Sa’udiif gurguran akka irraa dhaaban gaafate

Haleellaa Ji’a dabre keessa Xiyyaaronni waraana Sa’udii Yaman kutaa Sa’adaa keessatti  Konkolaataa barattoota fe’atee imalaa ture irratti raawwataniin, ijoollee 40 dabalatee yoo xiqqaate namoota 51 kan galaafate tahuun ni yaadatama. Gareewwan mirga namoomaa ajjeechaa san balaalefachuun gamtaan waraana Arabaa Sa’udii fi Emreetiin hoogganamu itti gaafatamummaa akka fudhatuuf gaafataa turan.

 

Sa’udiin jalqaba irratti haleellaan raawwatame “buufataalee hidhattoota Huusii irratti”jechuun himannaa irratti dhiyaataa ture haalte. Haa ta’u malee dhiibbaa gareewwaan mirga namoomaa fi biyyoota garagaraa irraa cimaa dhufe hordofuun, gamtaan waraana Arabaa Sa’udii fi Emreetiin hoogganamu Alhada har’aa ibsa baaseen, haleellaan Xiyyaaronni waranaa isaa August 9,2018 Yaman keessatti  konkolaataa barattootaa irratti raawwatan dogongora hin haalamne tahuu amane.

 

Kanuma hordofuun dhaabbatni Human Right Watch ibsa har’a baaseen, haleellaan Sa’udiin konkolaataa barattootaa irratti raawwatte yakka waraanaa tahuu ibsuun, biyyoonni meeshaalee waraanaa Sa’udiidhaaf gurguraa jiranis yakka kana keessaa harka kan qaban tahuu akeekkachiise. Gareen mirga namoomaa akka jedhutti, gamtaan waraana Araabaa Sa’udiin hoogganamu Yaman keessatti kanaan duras Hospitaalota, Manneen Barnootaa, namoota Cidhaa fi Awwaalcha irra turan irratti  haleellaa raawwateen siviilota heddu ajjeessuu beeksise.

 

Human Rights Watch, “ajjeechaa gamtaan waraana arabaa raawwataa ture kanneen hunda osoo quba qaban biyyoonni meeshaalee waraanaa Sa’udii gurguraa jiran, kana booda ajjeechaa walfakkaataa gamtaan kun raawwatuuf itti gaafatamummaa akka fudhatan”jechuun  akeekkachiise.

 

 

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button