header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
AwrooppaaOdeeyfannoo

Netherlands Basaastota Raashiyaa Afur biyyaa ari’uu beeksifte

Ministeerri ittisaa Netherlands ibsa baaseen, Haleellaa interneetii (Cyber attack) dhaabbilee gurguddoo biyyattii irratti mootummaa Raashiyaatiin qindaayee ture kan fashaleesse tahuu ibse. Ministeerri ittisa Netherlands Ank Bijleveld ibsa Khamiisa har’aa Zaheeg keessatti kenneen “Ji’a Eblaa keessa  Dhaabbata Idil Addunyaa Oomisha Meeshaa Waraana Keemikaalaa too’atuu fi dhaabbilee biroo butuudhaaf yaalii Raashiyaan qindaahe ogeeyyonni Netherlands dursanii fashaleessan”jedhe.

 

Mr Bijleveld, biyyi isaa yeroo heddu dhimmoota akkanaa ifa kan hin baasne tahuu ibsuun, sochiin Raasiyaan haleellaa interneetii raawwachuudhaaf biyyoota dhihaa keessatti geggeessaa jirtu,  yaaddessaa fi sadarkaa ifatti balaaleffatamuu irra kan gahe tahuu akeekkachiise.

 

Haaluma walfakkaatuun ministeerri Ittisa Briteen Gavin Williamson ibsa kenneen, Raashiyaan biyyoota dhihaa keessatti dhaabbilee gurguddoo irratti xiyyeefachuun, duula Interneetii butuu bal’inaan geggeessaa jirti jedhe. Briteen gocha mootummaan Raashiyaa raawwataa jiru kana, biyyoota michuu isii waliin hordofuudhaan kan saaxiltu tahuu akeekkachiise.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button