header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooUSA

Hobomboleettiin Rooba Cimaa makate Ameerikaa kutaa Flooriidaa rukute

Hobomboleettiin Rooba Cimaa makate kan Hurricane Mikael jedhamu kun Kaaba Lixa Flooridaa kan rukute yoo tahu, rooba cimaa fi dambalii galaana irraa ka’een  magaalotni qarqara galaanaa jiran heddu miidhamanii jiru. Hobomboleettiin Sa’aatii tokkotti Kilomeetra 250 bubbisu kun mukaa fi manneen heddu kan kuffise akka tahee fi magaalaa Panhandle jedhamtu keessatti nama lama kan ajjeese tahuu gabaafame.

 

Kutaalee Ameerikaa Flooridaa, Joorjiyaa fi Alaabaamaa keessatti  balaa hobomboleettii kanaan jiraattota  500,000 irraa humni elektrikii citee jira. Namoonni 300,000 ol ammoo qe’ee isaanii lakkisanii kan baqatan tahuu gabaafame. Bubbeen cimaan akkanaa Flooridaa rukutee kan hin beekne tahuu gabaasni BBC ni ibsa.

Hobomboleettii Flooridaa3.jpg

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button