header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooUSA

Lammiileen biyyoota Ameerikaa Jiddu galaa 4000 ol tahan gara USA baqataa jiran

Baqattoonni kunniin biyyoota Ameerikaa jiddu-galeessaa (Central America) heddu irraa kan walitti qabaman yoo tahu, irra hedduun isaanii lammiilee Honduraas, Guwaatimaalaa fi Elsalvaador tahuun beekameera. Ameerikaan biyyoonni sadeen lammiilee isaanii ofduuba yoo kan hin deebisne tahe tarkaanfii cimaa kan fudhattu tahuu akeekkachiiste.

 

Prezdaant Traamp Honduraas, Guwaatimaalaa fi Elsalvaadoor lammilee isaanii gara biyyaatti yoo kan hin deebisne tahe,  Ameerikaan gargaarsa biyyoota kanneeniif kennitu addaan kutti jedhe. Traamp dabalataanis Meeksikoon baqattoota biyya isii qaxxaamuran akka dhaabsiftu, yoo kun tahuu dhabe ammoo daangaa Ameerikaa fi Meeksikoo waraanaan kan cufu tahuu dhaadate.

 

Meeksikoon  baqattoota Guwaatimaalaa irraa gara biyya isii imalaa jiran ittisuudhaaf poolisoota 500 ol kan bobbaaste tahus, baqattoonni heddu daangaa cabsanii Meeksikoo seenuun gara Ameerikaa kan dhiyaatan tahuu gabaasni arganne ni mul’isa. Baqattoonni kunniin hedduun isaanii Honduraas irraa hanga USA lafa fageenya kilomeetra 4500 tahu lafoo imalaa kan jiran yoo tahu, muraasni ammoo Baaburaa fi Konkolaataan garasitti qajeelan.

 

Biyyoota Ameerikaa jiddu galeessaa keessatti daldala baala sammuu namaa hadoochuu fi rakkoo diinagdeetiin walqabatee yakki ajjeechaa hammaata dhufe, lammiilee biyyoota kanneenii abdii kutachiisuun  kan baqachiisaa jiru tahuu gabaasni arganne ni addeessa.

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button