header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Odeeyfannoo

Waraanni Israa’el Jum’aa har’aa Gaazaa keessatti Falasxiinota shan ajjeesse

Waraanni Israa’el Jum’aa har’aa lammiilee Falasxiin daangaa Gaazaa irratti mormii geggeessaa turan irratti dhukaasuun, Falasxiinota shan ajjeesuun 85 ammoo kan madeesse tahuu qondaaltonni Fayyaa Falasxiin beeksisan.

 

Lammiileen Falasxiin uggurri Israa’el Gaazaa irra keette akka ka’uuf, torbaan torbaaniin mormii geggeessaa jiraachuun isaanii ni beekkama. Walumaa galatti mormiin kun March 30/2018 eega jalqabamee asitti, waraanni Israa’el yoo xiqqaate Falasxiinota 200 ajjeesuun 20,000 ol ammoo madeessee jira.

Odeeyfannoo birootiin ammoo, Muummichi ministeera Israa’el Benjaamiin Neetaaniyaahuu gara Omaan imaluun Muskaat keessatti hogganaa biyyattii Sulxaan Qaabuus Bin Sa’id waliin kan mari’ate tahuun beekameera. Marii hoggantoota lamaanii booda ibsa baasaniin, biyyoonni lamaan dhimmoota nageenya Baha jiddu galaa irratti waliin hujjachuuf kan walii galan tahuu mul’isa. Omaan fi Israa’eel kanaan dura hariiroo tokkoollee hin qaban.

muummicha ministeeraa Israa'el Oman daawwate

 

 

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button