header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Odeeyfannoo Biyyaa

Balaa Makiinaa Naannoo Amaaraa Aanaa Saqooxaatti mudateen lubbuun nama 17 dabruu gabaafame

Balaan kun naannoo Amaaraa bulchiinsa sablammii Waag Himraa aanaa Saqooxaatti, guyyaa kaleessaa naannawa sa’aa 11:00 kan muudate yoo tahu, Makiinaan Ummataa kan nama 12 qofa fe’uu qabu, humnaa ol nama 25 fe’atee magaalaa Waldiyaarraa gara Saqooxaa osoo imalaa jiruu of duuba deebi’ee gargaluun lubbuun nama 17 dabruu fi namoonni 7 immoo miidhamanii hoospitaalatti kan argaman tahuu odeeyfannoon ni addeessa.

Namoota lubbuun dabre jidduu, haadha fi ijjooleen 3, haadholiin 4 Ijjoolee isaanii waliin, akkasumas jaarsaa fi jaartiin tokko kan keessatti argaman tahuu poolisiin aanichaa ibse.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button