header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Biiroon Barnootaa Oromiyaa Qabxii Qormaata Kutaa 8ffaa ifoomse

Biiroon Barnoota Oromiyaa akka beeksisetti, bara 2014tti barattoonni 451,025 qormaata naannoo kan kutaa 8ffaa fudhachuuf kan galmaayan yoo tahu, kanneen keessaa barattoonni 443,526 qormaatamaniiru. Barattoota Qoramaata fudhatan jidduu 421,779 yookaan ammoo 95.09% Qabxii gahaa argachuun gara kutaa 9ffaatti dabruu ibsame. .

 

Qabxiin ittiin dabran kan barattoota naannawa horsiisee bulaatiin ala tahanii, dhiiraaf Parsantaayilii 50, dubartootaaf ammoo 47 yoo tahu, kan barattoota naannawa horsiisee bulaa dhiiraaf parsantaayilii 47 dubartootaaf ammoo 44 ta’uu biiroon barnoota Oromiyaa ibsee jira. Barattoota fedhii addaatiif ammoo qabxiin ittiin dabran parsantsayilii 44 ta’uu ibsame.

 

Barattoonni odeeffannoo dabalataa argachuu yoo barbadaan, linkii weebsaayitii biiroo barnoota Oromiyaa (https://oromia.ministry.et/) fayyadamuu kan danda’an ta’uus ibsi biiroo barnoota Oromiyaa irraa kenname ni addeessa.

 

Nuuralhudaa

Soora Qalbii Muslimaa

3 Comments

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button