Dhibeen iboolaa Koongoo irraa gara biyyoota ollaatti babaldhataa jiraatuu gabaafame
Dhibeen iboolaa ji’a August darbe Koongoo-DRC keessatti ka’e babal’ataa kan dhufe yoo tahu, amma ammoo gara biyyoota ollaa kan cehaa jiru tahuu gabaafame. Dhaabbanni fayyaa addunyaa fi dhaabbiileen gargaarsaa akka jedhanitti, dhibeen iboolaa kun yeroo ammaa Kaabaa Koongoo irraa gara biyyoota ollaa keesumattuu Suudaan Kibbaa fi Ugaandaatti babal’ataa kan jiru tahuu beeksisan. Haaluma kanaan mallattoon dhibee iboolaa lammiilee Suudaan Kibbaa daangaa Koongoo irra jiraatan irratti kan mul’ate tahuu gabaafame.
Mootummaan Suudaan Kibbaa akka jedhutti ammoo dhibeen kun akka hin babal’anne too’annoo kan cimse tahuu ibsuun, nama mallattoon dhibee iboolaa irratti mul’ate tokko addatti kan qorataa jiru tahuu beeksise. Dhaabbanni fayyaa addunyaa gama isaatiin garee ogeeyyotaa gara Juba erguun Saampiliiwwan dhukkubsataa kana irraa fuudhaman qorannoodhaaf gara Ugaandaatti kan erge tahuu beeksise.
Dhibee iboolaa Ji’a Sadi dura Koongoo keessatti ka’ee kanaan hanga ammaatti namoonni 200 ol kan du’an tahuu gabaafame. Dhibeen kun kanaan duras yeroo sagal biyyattii keessatti kan ka’e yoo tahu, inni ammaa kun garuu hedduu hamaa akka ta’e ministeerri fayyaa biyyattii beeksise.