header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Odeeyfannoo

Israa’el haleellaa Gaazaa keessatti raawwatteen nama tokko ajjeesuun namoota saddeet ammoo madeessite

Xiyyaaronni waraana Israa’el ganama hardhaa haleellaa Gaazaa keessatti  raawwatan kanaan, namoota madaayan saddeet jidduu jaha daa’imman gara mana barnootaa deemaa turan tahuun beekameera. Waraanni Israa’el haleellaa kana ilaalchisee ibsa baaseen ammoo, iddoowwan rookkeettiin irraa dhukaafamu irratti xiyyeefachuun Gaazaa keessatti haleellaa raawwachuu beeksise. Halkan edaa rookkeettiin Gaazaa irraa dhukaafame Kaaba Israa’el keessatti mana tokko kan rukute tahus namni miidhame hin jiru.

 

 

Rookkeettii Gaazaa irraa dhukaafame kana hordofuun Israa’el haleellaa xiyyaaraan raawwatteen alattis, keellaawwan  gara Gaazaa seensisan lama kan cufte tahuu gabaasni Aljaziiraa ni mul’isa. Dararaan Israa’el hammeessitee  Falasxiinota irratti raawwataa jirtuu fi uggurri waggaa 11 guutuu Gaazaa irra kaayame jireenya lammiilee Falasxiinotaa hammeessaa jiru tahuu odeeyfannoon ni ibsa.

 

Gama birootiin ammoo, waraanni Israa’el ganda Falasxiinotaa Khan al-Ahmar  jedhamu guutuu diiguudhaaf buuldoozaroota kan seensise yoo tahu, loltoonni Israa’el jiraattotaa fi Actiivistoota mormii dhageessisaa turan irratti reebichaa fi boombii aaraatiin haleellaa raawwataniiru. Waldaan baatii diimaa akka gabaasetti, haleellaa kanaan namootni heddu kan madaayan yoo tahu, kanneen biro heddu ammoo waraana Israa’eliin kan hidhaman tahuu ibse.

 

Israa’el Alqudsi  gamaa bahaa keessatti gandoota jirattoota 10,000 ol qaban irraa Falasxiinota buqqisuun manneen yahuudotaa ijaaruuf sochii jalqabdee jirti.

 

 

 

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button