header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Muummichi ministeeraa Dr Abiy Ahmad Chaansilarii Ostriyaa waliin mari’ate

Chaansilariin Ostiriyaa Sabastiyaan Kurzi daaw’annaa hujiitiif ganama har’aa Finfinnee kan seene yoo tahu, har’a waaree boodaa mummicha ministeeraa waliin mari’atee jira. Hoggantoonni lamaan ji’a dabre keessa  foramii investimantii Barliin irratti wal arganii mari’atan.

 

Chaansilar Kurzi fi Dr Abiy marii har’a geggeessaniin walii galteewwan Investimantii, daldalaa fi hariiroo Dippiloomaasii heddu kan mallatteessan tahuun beekameera. Haaluma kanaan hariiroo dippilomaasii biyyoota lamaanii cimsuuf Imbaasiin Ityoophiyaa Viyeenatti kan banamu tahuu gabaasni arganne ni addeessa.

 

Haaluma wal fakkaatuun Prezdaant Saahilawarq Zawdee Chaansilar Kurzi masaraa biyyoolessatti simachuun kan waliin mari’atan tahuun beekamee jira.

 

 

 

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button