header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
AfrikaaOdeeyfannoo

Prezdaant Doonaald Traamp fi Prezdaantiin Masri Abdulfattaah Al-Siisii waliin mari’atan

Prezdaant Traamp Arba’aa kaleessaa prezdaantii Masrii Abdulfattaah Al-Siisii waliin bilbilaan kan mari’ate tahuu VOA’n gabaase. Mariin hoggantoota lamaani Lola Liibiyaa keessatti geggeeffamaa jiru dhaabsisuuf shoora Masri bahaa jirtuu fi dhimma hidha Laga Abbaay irratti kan xiyyeeffate tahuu ibsame.

Prezdaant Traamp walitti bu’iinsi Liibiyaa keessaaa dhaabbatee araarri akka bu’uufi sochii Masri torbee dabre jalqabdeef, mootummaa Masrii kan galateeffate tahuu odeeyfannoon ni addeessa. Dabalataanis hooggantoonni lamaan gareewwan Liibiyaa keessatti wal lolaa jiran jiddutti mariin akka jalqabamu, yaada Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii dhiheesse kan deeggaran akka taheefi, humnoonni biyya alaa hundi Liibiyaa keessa akka bahan yaada jedhu irrattis kan walii galan tahuu odeeyfannoon ni mullisa.
Prezdaant Traamp hidha laga Abbayyaa ilaalchisee, Ameerikaan walii galteen haqa irratti hundaa’e Masri, Ityoophiyaa fi Suudaan jidduutti akka mallatteeffamu godhuuf murannoo qabdus irra deebi’uun Prezdaant Al-Siisiif kan mirkaneesse tahuus ibsame.
Gama biraatiin ammoo biyyoonni sadeen marii dhiheenya kana jalqabaniin hanga ammaatti Walii galtee irra kan gahin tahuu gabaafame. Haata’u malee ammas maricha itti fufuun kan geggeessaa jiran tahuunis beekamee jira.

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button