header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
EeshiyaaOdeeyfannoo

Biyyootni 39 dararaa Chaayinaan Muslimoota Wiigar irratti raawwataa jirtu gamtaan balaaleffatan

Adda durummaa biyya Jarmaniitiin, Ameerikaa, Briteen fi Jaappaan dabalatee biyyoonni 39 waajjira ol UN keessatti walgahii kan geggeessan yoo tahu, mootummaan Chaayinaa darara Muslimoota Wiigar irratti raawwatu akka dhaabu; akkasumas mirga siyaasaa lammiilee Hong Kong akka kabaju gaafatan.

UN’tti Ambaasadarri Jarman Christoph Heusgen akka jedhetti, “qajeelfamni Chaayinaan Muslimoota Wiigar ilaalchisee hordofaa jirtu hedduu yaaddeessaa waan taheef gareen ogeeyyota UN, gara kutaa Zinjiyaang seenee akka qoratu Chaayinaan hatattamaan hayyamuu qabdi”jedhe.

Akka ibsa garee kanaatti, Chaayinaan muslimoonni dirqama amantaa akka hin raawwanne dhoorkuu, manneen hidhaa keessatti ugguruun hojii humnaa dalagsiisuu dabalatee dararaa hamaa raawwataa jirti.

Labsii kana hordofuun Chaayinaan himannaan garee kanaa soba fi gocha biyyoota miseensa UN qoqqoodu jechuun balaaleffatte. Haata’u malee biyyoonni addunya gamtaan dhimma muslimoota Wiigar ilaalchisee himannaan amma Chaayinaa irratti dhiyeessan kun cimaa tahuus odeeyfannoon ni addeessa.

3 Comments

  1. Asalamoleykum worahmatulahi wobrakatu rabbin aduuhi islaama akka firauunati nurra ha Deebisu isinimo maash. Allah jajabadha

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button