header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooUSA

Gamtaan biyyoota Islaamaa dhimma Al-qudsi irratti walgahii Ariifachiisaa jalqabe

Walgahii ariifachiisaa Gamtaan biyyoota Islaamaa guyyaa har’aa magaalaa Istanbul keessatti jalqabame kana Turkiyaan kan yaamte yoo tahu, labsii Traamp magaalaan Alqudsi/Jerusalem “magaalaa guddoo Isra’eel” jechuun labse balaaleffatuun akka ta’e gabaasni arganne ni mul’isa.
Prezdaantiin Turkiyaa Rajab Xayyib Erdogan walgahii kana irratti haasawa baniinsaa godheen; “Alqudsi muslimoota Addunyaatiif sarara diimaa Ameerikaa fi Isra’eel darban. Falasxiin biyya Isra’eel humnaan qabatte ta’uu beekkamtii guutuu biyyoonni addunyaa akka kennan nuti biyyoonni miseensa Gamtaa Islaamaa cimsinee hojjachuu qabna. Biyyoonni addunyaatis Falasxiin magaalaa guddoo isii Alqudsi/jerusalem waliin beekkamtii kennuu qabu” jedhe.
Prezdaantiin Falasxiin Mahmuud Abbaas gama isaatiin,murtii Traamp kana addunyaan guutuun kan hin fudhatin tahuu ibse.  
Prezdaant Abbas haasawa isaa keessatti”Murtiin Traamp seera addunyaa kan cabse waan ta’eef, biyyoonni Idil-addunya seera cabe kana caldhisanii ilaaluu hin qaban, Ameerikaan magaalaa Alqudsi akka meeshaa dhuunfaa isiitti mootummaa Zaayonotaatiif kennaa kennite.Kana booda Ameerikaan nagayaa buusti jennee isaan waliin hin mari’annu. Biyyi addunyaa kamiyyuu Imbaasii isaa gara Alqudsi deebisuu mirga hinqabu. Apartaayidiin Afrikaa Kibbaa keessatti xumuramus, ummanni Falasxiin garuu mootummaa Apaartayidii Isra’eel jalatti dararamaa jira” jechuun ibse.
Walgahii ariifachiisaa kana irratti biyyoonni muslimaa 57 kan hirmaataa jiran yoo tahu, hoggantoonni akka Malika Jordan Abdallah Bin Huseen, Amiira Qaxar Sheekh Tamiim Bin Hammaad Al-Sanii, Prezdaantii Indoneezhiyaa Joko Widodo dabalatee kanneen birootis kan hirmaataa jiran tahuun beekkameera.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button