header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
EeshiyaaOdeeyfannoo

Manni murtii ol’aanaa Paakistaan muummicha ministeera biyyattii duraanii hidhaa waggaa torbaatiin adabe

Manni murtii farra malaamaltummaa Paakistaan July dabre muummicha ministeera duraanii Nawaaz Shariif irratti hidhaa waggaa Kudhanii murteessee kan ture yoo tahu, Nawaaz Shariif mana murtii ol’aanaa biyyattiitti ol’iyyatee ture. Haaluma kanaan manni murtichaatis dhimmicha irra deebi’ee ilaaluudhaan guyya har’aa hidhaa waggaa torbaa kan irratti raggaasise tahuu gabaafame.

 

Nawaaz Shariif fi ijoolleen isaa  biyyoota alaa heddu keessaa qabeenya guddaa akka qaban ibsuu dhabuu fi qabeenya kanas akkamitti akka horatan ragaa gahaa dhiheessuu dhabuu isaaniitiin immoo doolaara miiliyoona 10.5 adabamanii turan.

 

Manni murtichaa intala isaa Maryam Nawaaz hidhaa waggaa torbaatiin, abbaa warraa isii ammoo hidhaa waggaa lamaatiin adabee ture.  Haaluma walfakkaatuun manni murtichaa kun qabeenya  Maryam Nawaaz fi Abbaan warraa  isii dhoksaan horataniifillee doolaara miiliyoona 2.5  adabe. Dabalataanis Abbaan alangaa biyyattii, qabeenyi maatii Nawaaz Shariif harka jiru hundinuu mootummaa Paakistaaniin akka too’atamu murteessee ture.

 

Waggaa lama dura dooseen Panama Papers jedhamu qabeenya maatiin Nawaaz Shariif dhoksaan biyya alaatti horate kana eega saaxilee booda, abbaan alangaa fi waajjirri qorannoo biyyattii qorannoo geggeessaa turan. Kanuma hordofuun manni murtii ol’aanaa Paakistaan muummicha ministeera biyyatti Nawaaz Shariif  July 2017 taayitaa irraa kan buuse tahuun ni yaadatama.

 

 

 

 

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button