header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Aanaa Gololchaa Magaalaa Caancootti sagantaan simannaa Ustaaz Abdurrahmaan Huseen gaggeeffame

Godina Arsii aanaa Gololchaa magaalaa Caancootti guyyaa har’aa Sagantaan simannaa Ustaaz Abdurrahmaan Huseen kan geggeefame yoo tahu, sagantaa kanarratti Ustaaz Abdurrahmaan fi daa’iwwan isaan waliin turan ummataaf muhaadaraa fi dhaamsi adda addaa dabarsanii jiru.

Daa’iiwwan sagantaa kana irratti hirmaatan jidduu:
Ustaaz Xaahir Galatoo Magaalaa Asallaa irraa, Ustaaz Ibsaa Hasan Finfinnee irraa, Ustaaz Bayaan Ahmad Magaalaa Collee irraa kan argaman tahuun beekkameera.

Sagantaa kanarratti “Hawaasni Keenya jirjiirama amma dhufe kana tokkummaa fi wal dhagahuudhaan akka cimsatu”dhaamsi jedhu kan dabre yoo tahu, Ijaarsa masjiidaatiifis deeggarsi gara garaa kan godhame tahuun beekamee jira.

 

One Comment

  1. masha allah jzk
    rabbi isiniraa haajalatu
    ani dhugaa dugaa dubbachuuf. jiarrata achiiti
    walayi dhamasa gaarii. eraa ajaa ibaatin iraa qoodadhe
    JZK

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button