header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
EeshiyaaOdeeyfannoo

Xiyyaaronni waraana Ameerikaa haleellaa Afgaanistaan keessatti raawwataniin yoo xiqqaate lubbuu nama 30 galaafatan

Xiyyaaronni waraana Ameerikaa haleellaa Arba’aa kaleessaa kutaa Helmand keessatti raawwatan kanaan,  daa’imman fi dubartoota dabalatee namoonni 30 ol kanneen mana jireenyaa  tokko keessa turan kan ajjeefaman tahuu odeeyfannoon arganne ni addeessa. Bulchaan kutaa Helmand Muhammad Yaasiin Khan Anaadooluu Niiwusiif akka himetti, “Xiyyaaronni Ameerikaa loltoota mootummaa Afgaanistaan deeggaruun,  haleellaa hidhattoota irratti raawwataniin namoonni nagahaatis ajjeefamanii jiru”jedhe.

 

Ajjeechaa kana hordofuun Gamtaan Waraana NATO ibsa baaseen,  haleellaa xiyyaaronni Ameerikaa naannicha keessatti raawwatan kana kan qorataa jiru tahuu beeksise. Torbaanuma kana keessa achuma kutaa Helmand naannoo Baba Ji jedhamu keessatti waraanni mootummaa Afgaanistaan xiyyaarota Ameerikaatiin deeggaramu haleellaa raawwateen, namoonni heddu kan ajjeefaman tahuu gabaafame.

 

Odeeyfannoo wal qabteen  haleellaa boombii Arba’aa kaleessaa magaalaa guddoo Afgaanistaa, Kaabul keessatti raawwatameen yoo xiqqaate namoonni 10 ajjeefamuun 29 ammoo kan madaayan tahuu gabaasni arganne ni mul’isa. Haaluma wal fakkaatuun torbee dabre magaalaa Ghazni jedhamtu keessatti boombii daandii irratti kiyyeefameen loltoonni Ameerikaa 3 ajjeefamuun 3 ammoo kan madaayan tahuu odeeyfannoon arganne ni addeessa. Haleellaa kanneen lamaanuu gareen Xaalibaan itti gaafatamummaa fudhatee jira.

 

Waajjirri Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Afgaanistaan jiru gama isaatiin akka jedhutti, Ji’a jahan dabran naannicha keessatti haleellaa xiyyarota waraanaatiin raawwatameen, namoonni nagahaa 149 ajjeefamuun  200 ol ammoo kan madaahan tahuu beeksise. Gama biraatiin ammoo baruma kana keessa loltoonni gamtaa waraana NATO 16 Afgaanistaan keessatti kan ajjeefaman tahuu gabaafame.

Haleellaa Afgaanistaan2

 

 

 

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button