header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
EeshiyaaOdeeyfannoo

Malik Salmaan ministeera haajaa alaa dabalatee qondaaltota muraasa taayitaa duraanii irraa kaase

Malik Salmaan Bin Abdulaziiz khamiisa har’aa ministeerota muraasa taayitaa duraanii irraa kaasuun, caasaa kaabinee mootummaa biyyattii kan jijjiire tahuu ejensiin odeeyfannoo Sa’uudii gabaase. Akka gabaasa kanaatti, Ibraahim Al-Assaf ministeera haajaa alaa tahuun kan muudame yoo tahu, ministeerri haajaa alaa duraanii Aadil Al-Jubeeyrii ammoo sadarkaa ministeeraatti itti gaafatamaa dhimmoota alaa waajjira Malik Salmaan tahuun muudame.

 

Ministeerota haaraya muudaman jidduu, ministeerri barnootaa fi ministeerri odeeyfannoo kan keessatti argaman tahuu gabaafame. Dabalataanis mootummaan Sa’uudii yeroo jalqabaatiif ministeera qorannoo hawaa kan hundeesse yoo tahu, Sulxaan Bin Salmaan dhaabbaticha akka hogganu kan muudame tahu odeeyfannoon arganne ni mul’isa. Gama biraatiin ammoo dhaaltuun gonfoo Muhammad Bin Salmaan taayitaa duraanii Itti aanaa muummicha ministeeraa fi ministeera ittisaa qabachuun kan itti fufe tahuun beekamee jira.

Cabinet reshuffle

 

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button