header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Odeeyfannoo

Israa’el Flasxiinota Khan Al-Ahmar keessa jiraatan guyyaa saddeet keessatti ganda isaanii lakkisanii akka bahan akeekkachiifte

Gandi Khan Al-Ahmar West Bank keessatti kan argamu yoo tahu, mootummaan Israa’eel Falasxiinota ganda kana keessa jiraatan hunda lafa isaanii irraa buqqisee manneen yahuudotaa ijaaruuf murteesse. Bulchiinsi Falasxiinii fi hawaasni idil addunyaa gocha kana balaaleffataa  turan.  Jalqaba ji’a kanaa Briteen, Faransaay, Xaaliyaan fi Ispeen murtii kana balaalefachuun, Israa’eel Falasxiinota humnaan buqqisuu irraa akka of qusattu akeekkachiisan.

 

Jiraattonni gandichaatis mana murtii Israa’elitti ol iyyannoo dhiheeffatanis fudhatama hin arganne.   Amma ammoo ministeerri ittisa Israa’el ibsa baaseen, “ajaja mana murtii hordofuun jiraattonni ganda Khan Al-Ahmar hanga October 1/2018tti manneen isaanii diiganii akka bahan itti himamee jira”jedhe. Waraanni Israa’el akka jedhetti Falasxiinonni ganda isaanii lakkisanii yoo kan hin bane tahe, guyyaa saddeet booda waraanni Israa’eel humnaan kan diigu tahuu akeekkachiise.

 

Lammiilee Falasxiin 180 ol tahantu ganda kana keessa jiraata. Mootummaan Israa’el maallaqa beenyaa isaanii kennuuf waada kan gale tahus, maatiin tokkollee maallaqaaf jecha dachii isaanii Yahuudotaaf gad lakkisuudhaaf kan hin barbaadne tahuu ibsan. Jiraattonni gandichaa fi Falsxiinonni west Bank keessa jiraatan murtii Israa’el kana mormaa jiru. Isra’eel Falasxiinota Khan Al-Ahmar irraa buqqiftee ganda yahuudotaa yoo ijaarte West Bank bakka lamatti kan citu tahuu gabaasni arganne ni ibsa.

 

 

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button