header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Haleellaa hidhattoonni naannoo Affaar aanaa Baatee keessatti raawwataniin namni 5 ajjeefame

Naannoo Amaaraa godina Addaa Oromoo aanaa Baatee keessatti guyyoota sadan darban hidhattonni naannoo Affaar daangaa ce’uun haleellaa raawwataa kan jiran yoo tahu, halleellaa kanaan hanga ammaatti dhalattoonni Oromoo 5 ajjeefamuu fi heddu ammoo kan madaahan ta’uu odeeyfannoon arganne ni addeessa. Sababaan walitti bu’iinsa kanaa wal falmii lafa margaa irratti ka’e tahuu jiraataan naannawa irra dubbisne nuuf hime.

Akka jiraataan kun jedhetti:
“Sababuma lafa margaa kanaan hawaasa Oromoo fi Affaar jidduu waggoota dheeraaf walitti bu’iinsi kan ture tahus, rakkoo kana dhaabsisuuf yeroo adda addaatti jarsooliin biyyaa yaali godhaa turan yoo tahu, dhiheenya kana immoo qaamoleen naannoolee lamaan jiddutti akka nageenni hin jiraanne barbaadan, hidhattoota Affaar kana meeshaalee waraanaa hidhachiisuun weerara hamaa nurratti geggeessaa jiran. Weerara gandoota Xeephii, Abilaaloo fi Shari’aa jedhaman keessatti guyyoota lamaan dabran kana geggeeffameen namni 5 nurraa ajjeeffame, akkasumas namni hedduun immoo madaawe wal’aanamaa jira, mootummaa irra weerara kana dhabsiisuuf wanti godhamaa jiru tokkollee hin jiru”jedhe.

Barattoonni guyyaa hardhaa rakkoo kana balaalefachuun magaalaa Baateetti hiriira kan bahan tahuun beekameera.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button