header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
EeshiyaaOdeeyfannoo

Hogganaan Kooriyaa Kaabaa Sirna eebba Warshaa tokko irratti argamuu miidiyaan biyyattii gabaase

Hogganaan Kooriyaa Kaabaa Kim Jong Un torbaan hedduuf miidiyaa irraa dhabamuu isaa hordofuun, haalli fayyaa isaa dubbii ijoo miidiyaalee addunyaa tahee ture. Komander Kim Jong Un keessumattuu April 15/2020 sirna ayyaana dhaloota hundeessaa biyyattii kan tahe akaakkayyuu isaa Kim Il Sung irraa eega hafee booda, dhibee onnee isa muudateen yaalii baqaqsanii hodhuu godhameefiin wal qabatee du’uu hin oolu gabaasaaleen jedhu bahaa turan.

Prezdaant Tramp fi Prezdaantii Kooriyaa kibbaa dabalatee hoggantoonni biyyoota hedduu dhimma Kim Jong Un itti dhiheenyaan hordofaa jiraachuu ibsuun alatti, odeeyfannoo ifa tahe kennuu hin dandeenye.

Hogganaan biyya Niwkilarii hidhachuun shakkamtuu tokko fuula ummataa irraa dhabamuun yaaddoo guddaa tahee eega bubbulee booda, Jum’aa kaleessaa Ejensiin Odeeyfannoo biyyattii Viidiyoo Kim Jong Un Sirna eebba warshaa Xaa’oo tokko irratti argamuu mul’isu gad lakkisuu gabaafame. Haata’u malee ammas Viidiyoon kun haaraya tahuufi dhabuu isaa kan hin mirkanaahin tahuus gabaasni Aljaziiraa ni addeessa.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button