AfrikaaOdeeyfannoo
Ogeeyyonni fayyaa Ityoophiyaa tajaajila tola ooltummaa kennuuf gara Eertiraa imalan
Ibsi waajjira dubbi himaa ministeera haajaa alaa irraa bahe akka mul’isutti, gareen ogeeyyota fayyaa Ityoophiyaa miseensota 39 qabu har’a yeroo buufata xiyyaara Asmaraa gahetti, Eertiratti Ambaasaaddara Ityoophiyaa Ridwaan Huseeniin simatamee jira.
Ambaasaaddar Ridwaan simannaa garee kanaa irratti haasawa godheen, “gochi akkanaa kun tajaajila tola ooltummaa caalaa hariiroo obbolummaa ummata lamaanii cimsuuf gahee ol’aanaa qaba”jedhe.
Jilli ogeeyyota fayyaa kun ji’a lamaaf Eertiraa turuun tajaajila wal dhaansa gara garaa kan kennu ta’uun beekamee jira.
As wr wb heduu galatoomaa hojiin keessan gaariidha jzk!!!
As wr wb maashaa allah baayee isin jaalladha umurii dheeradhaa
maashaa rabaarakkallah