header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
AfrikaaOdeeyfannoo

Ogeeyyonni fayyaa Ityoophiyaa tajaajila tola ooltummaa kennuuf gara Eertiraa imalan

Ibsi waajjira dubbi himaa ministeera haajaa alaa irraa bahe akka mul’isutti, gareen ogeeyyota fayyaa Ityoophiyaa miseensota 39 qabu har’a yeroo buufata xiyyaara Asmaraa gahetti, Eertiratti Ambaasaaddara Ityoophiyaa Ridwaan Huseeniin simatamee jira.

Ambaasaaddar Ridwaan simannaa garee kanaa irratti haasawa godheen, “gochi akkanaa kun tajaajila tola ooltummaa caalaa hariiroo obbolummaa ummata lamaanii cimsuuf gahee ol’aanaa qaba”jedhe.

Jilli ogeeyyota fayyaa kun ji’a lamaaf Eertiraa turuun tajaajila wal dhaansa gara garaa kan kennu ta’uun beekamee jira.

 

 

3 Comments

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button