header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
EeshiyaaOdeeyfannoo

“‹”‹Xaalibaan mariin nageenyaa ji’a kana keessa Ameerikaa waliin geggeessuuf karoorfame Qaxar keessatti akka tahu gaafate

Lola Afgaanistaan keessatti waggoota 17 oliif geggeefamaa jiruuf furmaata barbaaduuf, ji’a darbe keessa bakka buutonni mootummoota Ameerikaa, Paakistaan, Sa’uudii fi Emreets Abu Daabii keessatti Xaalibaan waliin marii kan geggeessan yoo tahu, marii itti aanu ammoo Ji’a kana Sa’uudii keessatti itti fufuudhaaf walii galanii turan. Haa ta’u malee Xaalibaan iddoon marii gara Qaxar akka jijjiiramuuf kan gaafate yoo tahu, Sa’uudii keessatti garuu mara kana irratti kan hin hirmaanne tahuu beeksise.

 

 

Miseensi mana maree Xaalibaan tokko Rooytersiif akka himetti, “akkaatuma karoora qabameetiin dhimmoota marii jalqabaatiin hin xumuramin irratti,  ji’a kana keessa Sa’uudii keessatti qondaaltota Ameerikaa waliin mari’achuuf karoorfannee turre. Haa ta’u malee hoggantoonni Sa’uudii fi Emreets fedhiin  mootummaa Afgaanistaan qofti akka guutamu barbaadu. Kun immoo nu biratti fudhatama wata hin qabneef, marii Sa’uudii keessatti karoorfame irratti hin hirmaannu”jedhe.

 

Xalibaan gaaffii mootummaan Afgaanistaan kallattiidhaan paarticha waliin mari’achuudhaaf dhiheessee ture ammas irra deebi’uun kan hin fudhanne tahuu beeksise. Qondaalli ol’aanaa Xaalibaan akka jedhetti “mootummaan Afgaanistaan waraanni Ameerikaa fi michoota isii Afgaanistaan keessaa akka hin bane barbaada, nuti ammoo humnoota alaa biyya keenya keessaa baasuudhaaf aarsaa guddaa kafalaa turre. Kanaafuu fedhiin keenyaa fi kan mootummaa Afgaanistaan bu’uura irraa kan wal hin simne waan taheef, gonkumaa waliin haasayu hin barbaadnu”jechuun ibse.

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button