header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooUSA

Waajjiraaleen mootummaa Ameerikaa ji’a tokkoo oliif cufamanii turan banaman

Dhimma ijaarsa dallaa daangaatiin wal qabatee  wal dhabbii Knogirasii Ameerikaa fi bulchiinsa Traamp jiddutti uumame hordofuun, waajjiraaleen mootummaa guyyaa 35’f cufamanii turan akka banaman kan murtaahe tahuu gabaafame. Prezdaant Traamp  guyyaa kaleessaa ibsa kenneen akka jedhetti, “waajjiraaleen mootummaa cufamanii turan akka banamaniif walii galtee irra geennee jirra”jedhe.

 

Traamp kanaan dura maallaqni ijaarsaa dallaa daangaa Meeksikoo hanga naaf ramadamutti gonkuma waajjiraaleen cufaman hin banaman jedhaa ture. Haa ta’u malee walii galteen Kongirasii Ameerikaa fi bulchiinsa Traamp jiddutti amma mallatteeffame kun,  bajata ijaarsa dallaa kan hin hayyamin yoo tahu, ejensiiwwan eeggumsa daangaatiif bajata dabalataa ramaduu qofa tahuun beekkamee jira.

 

Prezdaant Donaald Traamp ijaarsa dallaa dangaa Meeksikoo fi Ameerikaa irratti karoorfateef maallaqni Dolaara biiliyoona shan akka ramadamuuf kan gaafatee ture yoo tahu, Kongirasiin Ameerikaa bajata kana raggaasisuu diduu isaa hordofuun prezdaantichi ji’a tokko dura waajjiraalee mootummaa heddu kan cufe tahuun ni yaadatama. Cufamiinsa waajjiraalee mootummaa kana hordofuun hojjattoonni mootummaa Federaalaa 800,000 ol tahan hujii dhaabuu isaanii gabaasuun keenna ni yaadatama.

 

Comment

Back to top button