header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
EeshiyaaOdeeyfannoo

Xiyyaaronni Waraana Indiyaa daangaa Paakistaan qaxxaamuruun haleellaa kan raawwatan tahuu gabaafame

Torbee dabre kutaa Kaashimiir keessatti haleellaa hidhattoonni  raawwataniin loltoonni Indiyaa 42 eega ajjeefamanii booda, hariiroon Paakistaan fi Indiyaa hammaataa dhufuun,  walitti gaarrifannaa waraanaa irra gahuu gabaasuu keenna ni yaadatama. Haaluma kanaan Kiibxata har’aa xiyyaaronni waraana Indiyaa daangaa qilleensa Paakistaan qaxxaamuruun halleellaa kan raawwatan tahuu gabaafame.

 

Waajjirri ministeera haajaa alaa Indiyaa ibsa baaseen, xiyyaaronni waraana biyyattii daangaa Paakistaan cehuun kaampilee hidhattootaa irratti haleellaa raawwatuu beeksise. Indiyaan akka jettutti dulli kun sochii hidhattootaa xiinxalluuf qofa kan geggeeffame tahus, kaampii leenjii hidhattootaa barbadeessuun hidhattoota heddu ajjeesuu himte

 

Dubbii himaan waraana Paakistaan Jeneraal Asiif Ghafuur ammoo ibsa kenneen akka jedhetti, “Xiyyaaronni Indiyaa gara daangaa biyya keennaa seenanii turan, raadaarii Paakistaan keessa seenuu eega hubatanii booda, muddamaan boombiiwwan fe’atan  bosona keessatti  harcaasuun baqatanii jiru”jedhe.

 

Walitti gaarrifannaan biyyoota humna Niwukilarii hidhatan lamaanii gara duula waraanaatti ce’e kun, naannicha saffisaan guutumatti lola hamaa keessa galchaa kan jiru tahuu odeeyfannoon arganne ni mul’isa.

 

 

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button